Datasets:
text
stringlengths 0
196k
|
---|
Kitaabni kun Itoophiyaa keessatti kuusaa mana |
kitaabaa biyyooleessaatti, yunivarsiitii Finfinnee |
keessatti dhaabbata qu'annaa fi qorannootti, |
akkasumas kongirasii mana kitaabaa Ameerikaatti |
kan galmaa'e dha. |
Ilaalchi ida'amuu keessa kiyyatti erga bilchaataa dhufee booda, qooqa kiyya |
keessaa erga burqee fi wayita ani namoota biraatiif qooduu eegalee kaasee |
sadarkaa amma irra jiru kana kan ga'e kunoo yaadaa fi ilaalchuma |
ida'amuutiini. Ilaalchi ida'amuu akka gabbatu, akka bal'atuu fi haala |
waliigalaatiin jireenya dhuunfaa fi hawaasummaa hammachuu bifa |
danda'uun boca sirrii akka qabaatuuf, yaada isaa fudhachuun, babal'isuun, |
qeequu fi gabbisuun kan na deeggaran hiriyoota kiyya, waa'iloota hojii fi |
jaalleewwan qabsoo galateeffachuun barbaada. Akkasumas, kitaaba kana |
haala kanaan akka qophaa'u wixinee isaa dubbisuun, gabbisuu fi gulaaluun |
kanneen deeggarsa naa taasisan, aanteewwan koo hunda nan |
galateeffadha. |
Waa hubachuu bira yeroo ani hin ga'inii fi bara ijoollummaa wayita ani waa ifatti |
hin hubanne sanatti, wal-utubuu fi walitti dhufeenya irraa haala olfagoo ta'een, |
hidhatni humnoota uumamaa fi wal-keessa jiraachuun isaanii sammuu |
koo daa'imummaa irratti barreeffame. Barsiiftuun kiyya waa'ee |
ida'amuu na barsiifte uumama. Boronqiin ishee immoo Bashashaa - ganda |
dhaloota koo; gabatee gurraachi immoo sammuu kiyya daa'imummaati. |
Uumamni karaa Bashashaatiin sammuu kiyya daa'imummaa irratti waa |
hedduu barreessiteetti. Bashashaan waan ijaan hin mul'anne dha. |
Uumamaan lalistuu ta'uun ishee, biyyoon ishee uumama magariisa |
ofirratti biqilchee, bishaan lagaa fi bokkaan samii irraa biyyoo ishee |
gabbachiisee, bari'uu eeguudhaan biiftuun ganamaan baatu, bubbeen |
baala garaa garaa keessa looyee darbu; wayita sanatti haalaan hubachuu |
baadhus, ergaa guddaa bifa danuun uumaa tokko irraa madduun wal |
duukaa akka bobba'an ta'uu isaa dhugaa jiru na keessatti barreessaa |
turte. Boodarra guddadhee yeroo ani gaafadhu, dubbisee yoon |
hubadhu, sagaleen humnoota uumamaa sun hundi walitti ida'amuun |
jireenya biyya lafaa itti fufsiisuuf wal-faana akka hiriiranin hubadhe. |
Yaadni ida'amuu waa'ee jireenyaa yaaduu wayita ani eegale irraa |
jalqabee na faana guddate. Wayita ani daa'ima ture innis anuma faana |
daa'ima; dargaggoomnan na faana dargaggoome; ammoo ga'eessa |
ta'ee sadarkaa garaa garaatti itti-gaafatamummaa biyyaa wayita ani |
fudhadhe na faana bilchaachuun, sadarkaa baay'ee ol-aanaatti biyya |
koo biyya ani tajaajilaa jiruuf yaada ani filadhuuf ta'uu danda'eera. |
Yaadni ida'amuu kan hunda keenyaati. Maddi isaas ta'e burqaawwan itti |
burquun yaada kana gabbisan seenaa keenya bara baraa keessa kan |
turanii fi jiran; aadaan biyya keenya keessa jiru garaa garaa ciniinsifatee |
kan dhalee fi duudhaalee dhahannaan onnee uummata keenyaa ittiin |
caqafame; bira darbees, seera uumaa fi uumamaa keessaa waan |
maddeef rakkoowwan keenya bu'uuraaf furmaataa akka ta'u shakkii hin |
qabu. |
Yaadni ida'amuu ana keessatti bilchaatee bifa falaasamaa qabachaa kan |
dhufe yeroo garaa garaatti dhaabbilee garaa garaa keessatti itti |
gaafatamummaan wayita ani hojjachaa turetti yaadicha duudhaa |
hoggansaa fi qaama aadaa ijaarsa dhaabbilee akka ta'u gochuu ergan |
danda'ee booda dha. Keessattuu adeemsa hundeeffama ejensii |
odeeffannoo nageenya biyyaa, akkasumas erga hundeeffamee booda |
yeroo ani achi keessa turetti ( bara 1999 hanga 2002tti), yaadni ida'amuu |
furtuu duudhaa dhaabbilee akka ta'u; haaluma kanaan, dhaabbileen |
garaa garaa biyya keessaa fi biyya alaa jiranis, yaaduma ida'amuu |
kanaan akka ilaalamuu fi qoratamuu danda'an hubachuu fi arguu |
danda'eera. |
Jiddu-Gala Saayinsii fi Teekinooloojii; akkasumas, Ministeera Saayinsii fi |
Teekinooloojii keessa wayita ani turetti ida'amuun duudhaa furtuu dhaabbatichaa, yaada furtuu aadaa fi qunnamtii dhaabbilee ta'ee akka |
mul'atu gochuu danda'eera. Turtii kiyya dhaabbilee kanneen keessa turetti, |
yaadichi gamtaa fi abdii uumuudhaan, hojjattoonni dhaabbatichaa |
kaka'umsa guddaadhaan halkanii fi guyyaa akka hojjatanii fi miira jaalala |
biyyaatiin gahee mataa isaanii akka qumaachan gochuu danda'uu isaa |
qabatamaadhaan arguu danda'eera. |
Ijoollummaa kiyya irraa eegalee, mana barumsaa fi bu'aa-ba'ii jireenyaa irraa |
beekumsaa fi dandeettii ani argadheen, wanti guddaa ani hubadhe yoo |
jiraate, humnaa fi anniisaa ida'amuutiin rakkoon jireenya hin furamne, |
riqichi qormaataa hin ce'amne, rakkoon hamaa danqaa namatti ta'u akka hin |
dadhabamne ta'uu isaati. Jireenya kiyya keessatti kan ani argee fi hubadheen |
alatti, seenaa milkaa'ina biyya keenyaa waggoota hedduu lakkoofsise |
keessatti shoorri yaada ida'amuu ol aanaa akka ta'e hubachuun ulfaataa hin |
ta'u. Seenaa keenya keessatti carraawwan nuti ittiin milkoofne hunduu |
kallattiin yookiin al-kallattiin bu'aa milkaa'ina ida'amuuti. |
Biyyoonni Awurooppaa muraasni imaammata babal'ifannaa gita bittaatiin |
geggeeffamanii, biyyoota qaqqaban yookiin ga'an hunda yeroo gabaabaa |
keessatti qirchachuun harka ofii keessa yeroo galfatan, nuti ammoo humna |
weeraraa Xaaliyaanii saffisaan gombisuu kan dandeenye sababa ida'amneefi |
dha. Waa'ee humnaa fi anniisaa ida'amuu gaarreen Adiwa caalaa ragaa kan |
ta'u hin jiru. |
Umurii daa'imummaa kootiin waggoottan raayyaa ittisa biyyaa keessa |
loltummaadhaan hojjachaa turetti carraa bakkeewwan biyya keenyaa hunda |
naanna'ee daaw'achuu fi carraa uummata irraa fagaatanii jiraachuu |
argadheen ture. Barmaatiilee garaa garaa, duudhaalee, |
sirnoota, aadaalee fi haala jiruu fi jireenya uummatichaa daaw'adheera. |
Eenyummaan dhugaa dhala namaa ennaa ilaalamu dirree waraanaatti |
waraanni wayita geggeeffamu taateewwan na mudatan muraasa keessatti |
eenyummaa Itoophiyummaa daaw'achuu danda'eera. ltoophiyaanonni waldanda'uun, |
jaalalaan, ollummaan qofa osoo hin taane eenyummaa |
obbolummaa isaaniitiin akka gargar hin baanetti walitti hidhamanii kan |
uumaman, akka gargar hin baanetti kan wal jaal'atanii fi kan wal-makani dha. |
Faallaa aadaa ida'amuu gaarii qabnuutiin ala, jibbaan, haaloodhaan; |
akkasumas, sababa shaakala xaxanii wal-kuffisuu keenyaatiin addunyaa |
gubbaatti biyya keenya fakkeenya hiyyummaa fi duubatti-hafummaa |
taasifnee jirra. Dacheen ishee dirree waraanaa fi dhiigaa, uummanni ishees |
fakkeenya godaantotaa akka ta'an taasifneerra. Wal-tumsuu dhabuun, waldeeggaruu dhabuun; akkasumas, wal-jaalachuu dhabuun eenyummaa |
keenya salphinaaf; biyya keenya maraammartoo uraa lilmoo keessaa hin |
baanee fi jeequmsa hamaa keessa galchinee jirra. Karaan baay'ee rakkisaan |
kun afaan bool'aa irra ga'uu isaatiin osoo hin furamin, dhidhima rakkoo |
End of preview. Expand
in Dataset Viewer.
Dataset Card for Dataset Name
Dataset Summary
This dataset card aims to be a base template for new datasets. It has been generated using this raw template.
Supported Tasks and Leaderboards
[More Information Needed]
Languages
[More Information Needed]
Dataset Structure
Data Instances
[More Information Needed]
Data Fields
[More Information Needed]
Data Splits
[More Information Needed]
Dataset Creation
Curation Rationale
[More Information Needed]
Source Data
Initial Data Collection and Normalization
[More Information Needed]
Who are the source language producers?
[More Information Needed]
Annotations
Annotation process
[More Information Needed]
Who are the annotators?
[More Information Needed]
Personal and Sensitive Information
[More Information Needed]
Considerations for Using the Data
Social Impact of Dataset
[More Information Needed]
Discussion of Biases
[More Information Needed]
Other Known Limitations
[More Information Needed]
Additional Information
Dataset Curators
[More Information Needed]
Licensing Information
[More Information Needed]
Citation Information
[More Information Needed]
Contributions
[More Information Needed]
- Downloads last month
- 34