text
stringlengths 0
196k
|
---|
hiiku irratti kan hundaa'e dha. Gaaffii maqaa jechuun gaaffii wal |
qixxummaa jechuu dha. Gaaffiin wal-qixxummaa akka xiqqeeffamee hin |
ilaalamneef, kanneen birootiin wal-bira qabamee yommuu ilaalamus |
gatii yookiin bakka gad-aanaa akka hin arganneef, akkasumas ol-aanee |
mul'achuuf carraaqqii godhamu dha. |
Gaaffiiwwan eenyummaa qaama fedhii maqaati; fedhii maqaa ol |
kaafachuuti. Fedhii maqaa keessa gaaffiin wal-qixxummaa jiraatuyyuu, |
fedhiin kun wal-qixxummaa mirkaneessuun qofa deebi'uu dhiisuu |
danda'a. Fedhiin dhala namaa hawwii otoo wal-irraa hin kutiin maqaa |
ol-kaasanii leellisuudhaan kan qabame waan ta'eef fedhiin kabajaa wal |
qixxummaa qofaan hin dhaabbatu. Namoonni ol-aanaa ta'anii |
mul'achuuf, foon isaanii du'ullee faara fedhii maqaan isaanii akka |
waamamu barbaaduu ni mul'isu. |
Gosti fedhii inni sadaffaan, "fedhii bilisummaa" dha. Durii kaasee hanga |
har'aatti, dhalli namaa micciirraa fi hidhaa nama biroo irraa bilisoomuuf |
wareegama hedduu kaffalaa ture. Bilisummaan filannoowwan jireenya |
keenya keessatti nu quunnaman mara irratti ofiin murtee dabarfachuu |
dha. Fedhiin bilisummaan jiraachuu dhala namaa waliin walitti hidhata |
guddaa kan qabuu fi amaluma dhala namaati. Namoonni du'a gidduu |
hulluuqaa dhaaddannoo kan dhageessisaniif bilisummaan isaan |
dirqisiiseetu. |
Ija ida'amuutiin yommuu ilaalamu, fedhiiwwan dhala namaa amala |
ida'amuu akka qaban hubachuun ni danda'ama. Gama tokkoon, |
fedhiiwwan tokkoon tokkoon isaanii kan walitti ida'amanii fi fedhiiwwan |
ida'amoo yommuu ta'an, gama biraatiin immoo gidduu isaanii wal |
faalleessuun waan jiruuf, namoonni fedhiiwwan kana qofaa qofaatti |
otoo hin taane ida'amuun qofa milkeessuu danda'u. |
Fedhiiwwan hundi isaanii kan walitti hidhamani dha yommuu jennu, |
fedhiin inni tokko isa biraa fakkaata jechuu keenya dha. Fakkeenyaaf, |
fedhii jiraachuu yommuu jennu, fedhii haleellaawwan kallattiin qaama |
biraa irraa nu qaqqabuu danda'u irraa eegamuu jechuu dha. Kunis, karaa |
biraa yommuu ilaalamu bilisummaa jechuu dha. Fedhiin bilisummaa |
keenya hir'achaa yommuu dhufu bu'aan isaa inni dhumaa balaa |
kallattiin jiraachuurratti aggaamame dha. Hidhamuu keenyaan |
bilisummaa dhabne yommuu jennu, qaama keenyarratti namni biraa |
ajajaa jira jechuu dha. Kanaafuu, fedhiin jiraachuu kallattii qaama fedhii |
bilisummaati jechuu ni dandeenya. Haa ta'u malee, hidhaa irraa |
hiikamuun qofaa isaatti bilisummaa malee wal-qixxummaa hin |
mirkaneessu. Wal-qixxummaan hacuuccaa namicha nu hidherraa |
bilisoomuu qofa otoo hin taane, namticha nu hidhe sana cinaa |
dhaabachuu fi wal-qixxee dorgomuu dabalata. |
Gama biraatiin immoo, fedhiiwwan gidduu wal-faalleessuun ni Jira. |
Fedhii jiraachuu yommuu guunnu, fedhii bilisummaa hir'isuu ni |
dandeenya. Fakkeenyaaf, lammiilee haleellaa irraa ittisuuf jecha, |
lammiilee irratti to'annoo cimaa taasisna. Bilisummaa lammiilee eeguuf |
jecha yoo tarkaanfii fudhachuu dhiisnemmoo. namni heeraa fi seera |
cabsuun haleellaa lammiilee irratti raawwachuu fi jiraachuu isaanii irraan |
balaa geessisuu danda'a. |
Gama biraatiin, wal-qixxummaa lammilee eegsisuu yommuu Jennu, |
fedhii namootaa bilisummaan jiraachuu fi hojjeechuu isaanii irratti |
qoqqobbii gochuun keenya waan hin oolle dha. Lammiilee wal-qixa |
taasisuudhaaf abbaa humnaa to'achuu fi hunduu anaaf warra jedhan |
tiksuun ni jalqabama. |
Qabeenyaa fi dalaga namootaa irratti daangaan ni kaa'ama. Ol |
aantummaa siyaasaa akka hin qabanneefis qoqqobbiin irratti godhama. |
Kunis bilisummaa namootaa ni hir'isa. Bilisummaa isaanii haa kabajnuuf |
jechaa, akka feetan jennee yoo gadi lakkisne immoo, abbootiin irree |
namoota humna hin qabne miciriqsuun, qabeenyaan, siyaasaan, aadaa |
fi wantoota kana fakkataniin ol-aantummaa goonfatu. Kunis, wal |
qixxummaa hir'isa. |
Kanaafuu, fedhiiwwan kanneen gidduu walitti hidhamiinsaa fi |
tokkummaa akkasumas, wal-faalleessuu gidduu isaanii jiru yoo ilaalle, |
fedhiiwwan kanneen guutuun kan danda'amu, namootni yommuu |
ida'aman ta'uusaa hubachuu dandeenya. Bilisummaan isa tokkoo wal |
qixxummaa isa biraa irratti dhiibbaa kan uumu yoo ta'e, isa tokko |
haleellaa irraa yommuu eegnu, bilisummaa isa tokkoo yoo tuqne, hireen |
nama tokkoo hiree isa biraa waliin kan wal-qabate waan ta'eef |
fedhiiwwan keenya guuttachuuf furmaata guddaa kan ta'u ida'amuu |
dha. Haaluma wal-fakkaatuun, fedhiiwwan keenya mataan isaanii amala |
ida'arnuu waan qabaniif, inni tokko isa biraa malee qofaa isaa |
dhaabbachuun jiraachuu keenya nuuf mirkaneessuu hin danda'u. |
Kanaafuu, jiraachuun keenya kan nuu mirkanaa'u, fedhiiwwan hunda |
idaanee yommuu ilaallu dha malee, yommuu fedhii isa tokko yaadannee |
isa biraa irraanfannu daandii dheeraa deemuu hin dandeenyu. |
Seenaan yeroo dheeraa biyya keenyaa balaa waraanaa irraa of-eegdee |
jiraachuu ishee irratti kan xiyyeeffate dha. Biyyattiin yeroo haara galfii |
argatte keessa hambaalee qaroominaa har'a ittiin boonnu kaa'uudhaaf |
yaalteetti. Haa ta'u malee, irra caalaa tumsa biyya balaa irraa eeguuf |
taasifamurratti xiyyeeffachuu keenyaan, qaroomina irraa baay'ee |
fagaannee turre. Jalqabbii seenaa aammayyaa keessatti kaka'umsi |
mmayyummaaf mul'isnes fedhii jiraachuu kallattii kana guutuurratti kan |
xiyyeeffatee fi ammayyummaa meeshaalee waraanaa irratti kan |
bu'uureffame malee fedhiiwwan biroo guutuuf kaka'umsi ture haala |
ga'aa ta'een hin mul'anne. |
Gaaffiin inni guddaan garuu, "haleellaa of-irraa ittisuun qofti wabii |
jiraachuu namaa ni eegsisaa?" gaaffii jedhu dha. Biyya keenyatti |
lakkoofsa namoota qawween dhumanirra, lakkoofsi namoota beelaa fi |
dhibeen dhumanii yommuu wal-bira qabamu akka samii fi lafaatti kan |
wal-irraa fagaate dha. Kanaafuu, balaan jiraachuu dhala namaarra |
qaqqabu afaan qawwee irraa qofa kan dhufu miti. Yommuu qoonqootti |
hir'atus balaan jiraachuu irra ga'uu danda'a. Dhugaan turree hubanne |
tokko kanuma. Haa ta'u malee, fedhiiwwan qaamaa hubannee |
fedhiiwwan keenya guutuuf yommuu sosochoonu rakkoon ammas nu |
mudate fedhiin qaamaa fedhii maqaa gaarii fi fedhii bilisummaa dursa |
jennee yaaduu keenya dha. "Hawaasni haalaan hin sooranne fedhii kan |
biraa qabaachuu hin danda'u" jedhanii yaaduun yookiin "qoonqootu |
dursa" yaadni jedhu, yaaddoo beelli nutti uumerraa yaada dhalate dha. |
"Namni fedhii foonii isaa guuttannaan wanti biraa suuta jedhamee |
qaqqabama" mammaaksijedhu sun nama akka bineensaatti ilaaluu irraa |
qofa kan madde dha. Namni garuu nama kan ta'e fedhiiwwan |